Galateefamaadha
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Kedamitsega Yohannis
612 Views
"
Amma bara baraattii mootiidha ati (x2)
Eeyyee
Amma bara baraattii moottiidha ati (x2)
Hunda dura akka jirtu
Lafaaf samiin haa dubbatuu
Hundi darbees ni jiraatta
Yaa waaqa koo siif galata
Baraan hin daanga'u ulfinnif aangon kee
Ililleen si faarsa dhaabbadhee fuule kee
Warri kaleessa mootii turan
Darbaniiru har'a hin jiran
Beektotni fi ogeessotni
Liqimfamaanii du'an
Dhalootni dhalootan
Barri yoo darbu baraan
Ati ni jiraatta mootii bara baraa
Ergamoonni samiirrattii
Ni faarfatu maqaa keetiin
Ilmaan namaa jilbeeffannan
Si waaqessuuf siif bitamu
Dureessa hiyyoomsitee
Beela'aa quubsita
Addunyaa kanarraa eenyu siin qixxata
Galateeffamaa dha hanga bara baraattii (x2)
Amma bara baraattii mootiidha ati (x2)
Eeyyee
Amma bara baraattii moottiidha ati (x2)