Natti haa hafu
Web Master
Jun 2, 2026
F/taa D/n Garramuu Baay'isaa
252 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Naanoo natti haa hafu yaa Gooftaa koo
Si dhiiseen jiraadhuu An qofaa koo(2)
Hiyyummaa kee keessaa si baasna jedhanii
Bu'aa addaa addaan yoo na sossobanii
Sirraa Addaan na baasaa yoo ta'e dhumni isaa
naannoon natti haa hafuu natti haa hafu hundisaa
Waanan Argee hin beekne yoo na badhaasanii
hoo fudhu jedhanii yoo natti goranii
hiyyoomee jiraachuu naaf wayya oobdii kee
kennaa isaanii caalaa anaaf hiixannaan kee.
Ergan kan kee ta'ee maaltu natti badee
dhabuuf argachuu koo nan fudha gammaade
oduu biyya lafa na irranfachiistee
gurri koo yeroo hundaa kan kee dhaggeeffaate.