Maqaa Surraa Qabu Kochoo keerraa Argee
Gargaarsaa Argachuuf Gara keetti Fiige
Kan of cinaa qabu ergamaa akka kee
Ulfinaan si waama mikaa'eel maqaakee
Kabajaan si waama mikaa'eel maqaakee

Ofiikootiin Uumee Mammaaksa Hin Odeessu
Wangeela dha Ragaan Waa'ee kee Seenessu
Har'as Kan Amanuuf Dhugaa Jirun Faarsa
Hangafa dha Ati Kan Muudaman Keessaa

Kan sirraa ifu ayyannii Gooftaa x2
surraakee guddaan cinakoo jirta x2
Miikaa'el na Wajjin jirta

Ilaalladhee Hin kaasu Ija Nama Keessa
Of ta'een Ofiikoon Sodaa Malee Faarsa
Siin mitiim mikaa'eel namayyuu ni jaju
Si waaqessuu miti yeroon si kabaju

Miilli koo Gufuudhaan Kiyyoon Akka Hin Kufneef
Cina kootiin Jirta Akkan Hin Mo'amneef
Reeffa Museef Jettee seexana Mormite
Utuun Lubbuun Jiru Ati Yoom Na Dagatte

Si waliin morkachuu dinnii hin danda'u
Maqaan sirra jiru kan hundumaa moo'uu
Kan Gooftaa Kan Ta'e Siin Hin Jibbuu gonkuma
Mikaa'el Ergamaa kabaja kee hima

Madaallii baadhuu anaaf kottu ariifadhu
milkaa'eel Eegaa cina kan koo ati dhaabadhu

Oolmaa kee himuun _Kabaja koo dha
Yaadannoon kan kee _Naaf galata dha
Ati naaf Eegaa dha _Waaqni si filee
Diinatu kufa _ Surraa kee ilaalee

Maqaan Gooftichaa _Kan si irra jiru
Simboon addunyaa _Yaada kee hin hiru
Galataaf jirta _ Fuula Uumaa kee
Narra haa bulu _ Eebbaaf Sugni kee