Fayyineerraa nutti fayyineerra
Yoseph Tena
May 9, 2025
2065 Views
"
Dhiiga keetiin gooftaa bilisaa baaneerraa *2
Fayyisuu hundumaa = = samiirra bu'ee
Sanyii Addaam hundaaf == Iyyesuus situ du'ee
Adaraa baraabaraa = = Dhiiga keetu ta'ee
Aarsaa baraabaraa Dhiiga keetu ta'ee *2
Dhiiga keetiin Gooftaa == Hundaa boojiteetta
Karaadhaaf boqonnaa=== Namootaaf taatettaa
Siin jireenya argannee=== Gabrummaadha baanee
Siin jireenya argannee Gabrummaadha baaneerraa *2
Akka Malketseediq== Luba baraa baraa
Uummanni kun martuu== Gatii keetiin har'aa
Duutee ofii keetii ===Jireenyàa nuuf taatee
Duutee ofii keetii Jireenyàa nuuf taatee *2