Mikaa'el Anaaf Addadha
Web Master
May 20, 2026
F/taa Tafarraa Baqalaa
333 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Abbaa naaf ta'eeto Mikaa'el abbaankoo
Anaaf addadha Mikaa'el anaaf addadha
Kochoosan haguugee manasatti kan guddiseedha
Hin bareedu yoon dagadhe seenaa kankoo
Mikaa'ela kan bareeche jireenya koo
Inni hin daganne hin dagatin kan jedheeni
Edaa dhagaheera kan kadhadhe mucummaani
Bara San hunda kan naaf obsee
Hojii kootin yoom nan balleesse
Mulachu kootis riqadha ati
Jalqabbiis anaaf taate ati
Akkan gaddine akkan buusne an boquu koo
Akkan boonye akkan buusne imaammanni koo
Gammachuu akkan dhabne dadhabeeto Lubbudhani
Narrati hin fagaatu guddiseenkoo Mikaelini
Guyyaankoo hin tolu yoon sin waamne
Anaaf dhaqabi sin yoon jenne
Na eegalchiste jalqaba koo
Ati naaf bareechi xummura koo
Kuffiseera Karoora diinni koo baase
Ol naqabe karaa sirrii na deemsise
Na dhoksu dandeenye na hambisu dudduubatti
Raaji Waaqayyootin fuldura kootii kufeet
Ati labooba ibiddaati
Diinni ni kufaa fuula keett
Anaaf ijadha hirkoo kankoo
Bara baraanuu si eegankoo