Qulqulluu Mikaa'el/ቅዱስ ሚካኤል
Beresa Abebe
Jul 9, 2026
F/taa Darajjee Jimaa
796 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Kan si abdatuuf harras araarsadha x2
Kochoo diriirsi Mikaa'el bahii duraakoo
Ati na akeeki karicha Mana abbaakoo
Hin danda'amu deemsiko inni sin alaa
Dheebu nabaasii naaf kennii /bishan jaalala/2
Sillikfameera dinnikoo hidhaa abidaani
Ergamaan Gooftaa Mikaa'el seefii kaasnanii
Yemmuun deebi'uu hin jiruu bakka dhabeera
Kan na gargaaru ergamee /ijaan argeera/2
Awwalicharra dhagichi sin kaafamera
Ati waan gargarteef Daani'eel si jaallateera
Ni danbali'aa lagichi yoo ati dhuftu
Gooftaan haa moo'u Daabiloos /haa guggubatu/2
An nan yaadadha manatti mucummaa kooni
Si'in jabaate jilbikoo gargaarsa keeni
Nan faarfadhafi Gooftadhaf hunduma caala
Kan si naaf kenne eegakoo /guyyaaf galgala/2
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu