Araari kee baay'eedha
Dhiifamni kee dangaa hin qabu
Harkaa keerraatti kufuu nuuf wayya yaa gooftaa
Si malee kan nuuf ta'uu hin jiru

Laphee sif mijaatee dhabuu keenyanni
Rakkoon nutti hamaattee dhibee nutti hin beekinee
Dheboonnee dhiifama kee damaqnee hirribaa
Maaraanataa Iyyeesuus si qofattu jabaa

Ciniinsuun jalqabaa addunyaa sochoossee
Yaadoon abdii hubee sammuu riifachissee

Bowwaan qillee nama gad fagoo ta'ee
Si jalatti hin dhoksuu dukkaanni danda'ee
Qorrichaa argamee si alaatti hin jiruu
Barruu kee qofaadha addunyaa kan furruu

Ciniinsuun jalqabaa addunyaa sochoossee
Yaadoon abdii hubee sammuu riifachissee

Guyyaan inni hin tolee dhufuusaa arginee
Sirraa addaan kan bahamuu du'aan malee maalii
Qillensa bora'ee sittu qulqulleessaa
Ajeessan keenya soo nun argattuu taassa

Ciniinsuun jalqabaa addunyaa sochoossee
Yaadoon abdii hubee sammuu riifachissee

Filaannoo hin qabu humnaa sin alaatti
Si boonyaa gooftaa kufnee si duraatti
Fayyisaa addunyaa uumaa lafaafi sammii
Akka arjummaa keetti ati nutti araarammii