Ati hoo ana hin dhiistu, cubbuu koo ilaaltee,
Yakkii koo baay’atus, yoom narraa fagaatte?
Quba natti hin qabdu, gonka nan ciigaatu —
Abbaa oolmaa kootii, maqaan kee haa ulfaatu.

Si qofaadha, Gooftaa, firaaf aanteen kan koo,
Du'a kan na oolche, naaf baatee ba'aa koo.
Oolmaa kan kee kana, mee akkamiin ibsu?
Kan nama hin daganne, amma ija libsu.

Diinaaf na hin laanne, dabarseetu hamaafi,
Akkasaafan jira miti, akka namaa fa.
Osoo naaf qotamu, boolli kufaatii koo,
Si qabadheen ce’e, hin kufu abbaa koo.

Yoom na dhiise Gooftaan, callisee diinatti?
Kunuunsee na baate, barruu harla isaatti.
Ililleefan dhaaphaa, jabeessee mudhiikoo —
Siif haa ta’u, Gooftaa, faarsaan galatakoo.

Si qofaadha, Gooftaa, firaaf aanteen kan koo,
Du'a kan na oolche, naaf baatee ba'aa koo.
Oolmaa kan kee kana, mee akkamiin ibsu?
Kan nama hin daganne, amma ija libsu.