Imimmaanii fi jilbaani
Yoseph Tena
May 7, 2025
2131 Views
"
Oolmaa keetu garaa na raasaa.
Abbaa koo, gatii kee an yoon maal godhen baasa,
Oolmaa keet gara na raasa.
Iyyesuus gatii kee an yoon maal godhen baasa?
Gara kee ilaala ijji koo,
Siin dhandhama arrabni koo.
Mi'aa keetu hin quuffamu,
Yoomillees hin nuffamu.
Kan si waame hin salphatu,
Nagaa qaba hin rakkatu.
Maqaa keetu dawaadha,
Kan siin beekneef gowwaadha.
Mi'aan nyaata barruu kee,
Hin quufamu maqaan kee.
Kanaafan si waammadha,
Surraa koo sin jaaladha.
Abdii fi jireenyi koo,
Si'umadha Waaqni koo.
Ati naa dhufnaan abbaa koo,
Ni guuta hir'uun mana koo.