Fuula Waaqaa Dura
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/taa Firaa'ol Tashoomaa
1445 Views
"
Gargaara koo Dhugaa Gabri'eel sin waama.
Fuula Waaqaa dura surraan kan dhaabbattu,
Kabajni siif ta'a hunduu si haa faarfatu.
Gammachuu namaaf oduu gaarii himta,
Warra si waammateef gargaaruuf dhaabbatta.
Aangoon kee guddaadha hangafummaa qabda,
Akkan kufee hin hafneef ati harka na qabda.
Ijoollee sadani abiddaa baastetta,
Qirqoosiif Haadhasaa atoo gargaartetta.
Naafis dafii kottu iyyeen si waammadha,
Gargaarsa kee beeka oolmaa keen faarfadha.
Haadha Gooftaa keenyaf kabaja kan laatte,
Kasoomina guddaa nuunis nu barsiiste.
Raamarra kan jirtu magaalaa ergamootaa,
Ergamaa Gabri'eel na cinaa dhaabbatta.
Koochoon kee gaaddisa na fuuldura bu'i,
Diinni koo haa na'u cinaa koo naaf ta'i.
Mana kee olseenen galata kee hima,
Har'as naaf mul'adhu Gabri'eel Ergamaa.
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu