Gabri'eel abbaan koo na mil'aatte
Yoseph Tena
May 8, 2025
1109 Views
"
Bobaa'a ibiddaa keessa na baafatte
Garaa lafeessa koo gaafa rakkoo
Nuu gargaruuf dhufee gaddisni koo
Bollaa ibidaa keessa ano bu'erraa
Na gargaraas jedhee abdaadherraa
Akka isaaf sagadnuuf mootii nu adamsee
Ergamaan Gabri'eel dhufee nurraa marsee
Ani hin qabnuun turee jireenya fuldurraa
Baroota kootifis abdii kutaadherraa
Mootiin na darbanaan boolla ibiddaatti
Gabri'eel na furree hidhaa seexanaatti
Shakkii tokkoon qabu ergaan kansaa ta'ee
Faarfachuudha malee obdiisaa nana'ee
Jaalala Gabri'eellii yoommuun irraanfadhu
Utuu inni naaf jiruu dinnaa koon soddaadhu.
Ilaala yaa nama hojii ergamichaa
Moo'ichaa naaf lattee qannessee dinnichaa
Ibiddaa keessatti kan namaf birmattuu
Eebbii Gabri'eellidhaa hundaaf haa baay'atuu
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu