Ifa Raamaa Irraa Mul'ataa
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/taa Gammachuu Buli
1923 Views
"
Aangoon isaanii ergamoota hogganaa,
Gabri’eelif kabaja kennaa,
Gargaarsa isaa har'as nuti abdanna.
Innaafadhaan waaqa isaa hojjeetta,
Gargaarsa fi umamaaf dhaabbata,
Oduu gaarii gammachuu kan labsuu,
Karaa keenya isa nu dursuu.
Surraa dhugaan aangoo guddaa qaba,
Isa waamnan inni nuuf qaqabaa,
Hangafaadha ergamoota keessaa,
Nuuf baay'atee har'as humni isaa.
Laphee dhugaa amantii jabannii,
Kan dhabataan ijoolleen sadiinni,
Isaan olchee abdiidhan gubbaachu,
Olmaa isaaf galataa isaaf galchuu.
Fuula waaqa duraa kan dhabbaattuu,
Ulfinnaa isaa hunduu haa dubbatu,
Raamaa irraa kabaajan jiraataa,
Gabri’eel hundaaf ni kadhaatta.
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu