Urjii kabajaa Ibsa Gadaamotaa
Qulqullinni kee Akka Ergamootaa
Gebremenfes Qiddus Gooticha Amantii
Nu jabeessi Atii

Gadaamessa keessaa Gooftan si filatee
Goonfoo Qulqullummaa Dursee siif Laatee
Dhaabbatteerta Ati Cinaa Ergamootaa
Waadaf kakuu keetin Namootaf kadhattaa

Galanni haa gahuu Sillaasedhaaf jettee
Ijoollummaa keetin Galataaf dhaabattee
Nuunis nu gargaarii Galataaf nu cimsii
Daandii qulqullummaa Ijoollee keef ibsii

Kadhannaa keetin Hundaa Araarsitaa
Ijoollee kankeetif Lubbuuf Qopheessitaa
Diina Qaanessinaa Waammannee maqaakee
Akka nuuf baay'atu Eebbif sugni kankee

Firii Simi'on firii Aqleesiyaa
Ati Eebbisteertaa Biyya Itiyoophiyaa
Araarsummaa keetin Har'as nu yaadadhuu
Akka jajjabaannuf Nu cinaa Dhaabbadhuu