Andarii bareedduu kabajamtuu
Yoseph Tena
May 7, 2025
1426 Views
"
Haadha Ifaa, Giiftii eebbifamtuu.
Ulfinni ati qabdu sirraa hin mulqamu,
Kadhaa keetin har’as dhaloonni furamu.
Macaafa jabduu hayyuun dubbisu,
Kasoominni kee ifee calaqqisu.
Uumamni akka kee tasumaa hin jiru,
Ulfina argatte eenyuu hin jijjiiru.
Dhaloota keetti eegan lakkaawame,
Maqaa kee faarsaa, an siif amanamee.
Nagaa ergamaa kabajaan simattee,
Bultoo waaqa ta’uuf ati kan carroomte.
Tasumaa mitii – dura yaadamte,
Durboota keessaa addaa ati kan taate.
Afuuraa Qulqulluun anoo guuttamee,
Akka Eelsabeex gammadee uggume.
Warra dadhabaa innoo ol qaba,
Of-tuultota aangoo – isaan adaba.
Jedheen faarfadha gochaa Waaqaa,
An nan dubbadha – oolmaa haqaa.
Dhaloota keetti eegan lakkaawame,
Maqaa kee labsaa, siif amanamee.
Gufuu lakkaa’ee si faarsuu hin dhiisu,
Summiin hiddammee si hin salphisu.
Waadaa dhugaadha – jiraataa baraa,
Jedheen dubbadha – kakuu araaraa!
Afuuraa Qulqulluun anoo guuttamee,
Akka Eelsabeex gammadee uggume.