Arganneerra fannoo gooftaa
Ni faarfanna yaa namoota
Fannoon bahe boolla keessaa
ilil jedhaa yaa saboota

Waggoota baay'eef Arganeerra
awwaalamee ture "
badii keenyaf jedhee "
Fannoo irra oole "
humni kirsistoosii "
Fannoo irra bule "

inaaffan ka'an arganneerra
fayyisuu isaas argan "
awwaaluf qotan "
dikee itti guuran "
lafa ol kaasan "
gaara fakkeessan "

Mootittiin Illeenin arganneerra
wareega isaaf goote "
iddoo isaa wallaalte "
barbaadudhaaf kaate "
namoota gaafatte "
manguddoo argatte "

Muka jiidhaa muraa arganneerra
kadhannaa taasisaa "
ixaana aarsudhaan "
daamaraa bobeessaa "
mallattoon kenname "
bakka isaa isin geessa "

Aarri samii ba'e arganneerra
gara irra qubaate "
iddoo isa beeksisiise "
qotuuu ni eegalte "
Fulbaana jalqabdee "
Bitootessa argatte "

Gammachuun ibsattee arganneerra
Waaqa ishee faarfatte "
dhibamaa irra goote "
fayyisuu isa argite "
Fonnaa gooftaa ta'uu "
amantee fudhatte "

Nutis gammaneerra arganneerra
argamun fannoo isaa "
mallattoo keenyadha "
saba keenya ibsaa "
fayyina nuuf laate "
hin kutu fannoo isaa "