Fannoon Argamerraa Kan Fayyisaa Keenya
Yoseph Tena
May 8, 2025
195 Views
"
Warreen itti amanuuf humnaafi nageenya.
Fannoon Argamerraa Bara Philaxoosi
Fannoon argamerraa fannichi haatame,
Fannoon argamerraa koossin bara dheeraa,
Fannoon argamerraa irraatti gaatame.
Fannoon argamerraa yeroof dhokkatulle,
Fannoon argamerraa misirachoon ta'ee,
Fannoon argamerraa kuno mul'aterraa,
Fannoon argamerraa baga ittin isiin ga'ee.
Ganni Duudan Darbee Biraan Akka Ta'ee
Guyyaa ifaa fannoon bagaa ittin sin ga'ee.
Fannoon Argamerraa Mootitii Illeenni
Fannoon argamerraa afuuran durfamtee,
Fannoon argamerraa damarraa akka dhabduuuf,
Fannoon argamerraa abbootan gorfamtee,
Fannoon argamerraa tulluu koosii sadiin,
Fannoon argamerraa fannoon kan dhokkaatte,
Fannoon argamerraa arrii damarrichaa,
Fannoon argamerraa dhaqee irraa qubatte.
Illiliin Dararee Fireen Akka Ga'ee
Guyyaa ifaa fannoon bagaa ittin sin ga'ee.
Fannoon Argamerraa Ayyaana Guddaadha
Fannoon argamerraa kan fannoon hoolicha,
Fannoon argamerraa warreen gammadaniif,
Fannoon argamerraa Waaqayyoof ililchaa,
Fannoon argamerraa misichoo himuuf,
Fannoon argamerraa Gabri'eel fannoo baatte,
Fannoon argamerraa Waaqni dhala namaf lafarratti latte.
Ganni Duudan Darbee Biraan Akka Ta'ee
Guyyaa ifaa fannoon bagaa ittin sin ga'ee.
Fannoon Argamerraa Akkuma Argameef
Fannoon argamerraa carraadhaf qoopha'e,
Fannoon argamerraa biyyoota addunyaarraa,
Fannoon argamerraa Itiyoophiyaadhaf ba'ee,
Fannoon argamerraa kan nagaafi jaalalaa,
Fannoon argamerraa kan fayyinaa ta'ee,
Fannoon argamerraa marree haa farsinnuu,
Fannoon argamerraa isaa har'an nu ga'ee.
Illiliin Dararee Fireen Akka Ga'ee
Guyyaa ifaa fannoon bagaa ittin sin ga'ee.