Sin darbee hundumtuu gooftaa koo
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/ttuu Tizzitaa Gaaddisaa
425 Views
"
In tare martinuu abbaa koo
Olmaa keen dubbaadha bar ani
Hin caaldhisuu ani galataani
Ijoollummaa kootti an jaamaa tureeraa
Yoommun dhaladhee iyyuu haadhafi abbaa koorraa
Ifaa kee naaf laatte na waamte waaqa koo
Anis ilaaleerraa banamee iji koo
Kan na waame beeka isaa na fayyisee
Bakkan kufee turee isaa ol na kaasse
Cuuphamee argerraa laga Seelomitti
Dukkannaa balleessee na baasse ifaatti
Ati natti hin lakkoofne cubbuu koo naaf dhiftee
Gidirichaa keessa harkiftee naa baaaste
Namni osoo na jibbuu mana kootti argamtee
Harburraa na buftee ofiitti na waamte
Har'a mana keenyaf fayyinni ta’eerraa
Ilmi naa dhufee kan badee argamerraa
Narraa haqamerraa yakkafi gidiraan koo
Dhummaa koo midhagsii Amanu’eel abbaa koo