Gooftaa situ naaf lola diina koo
Yoseph Tena
May 8, 2025
F/ttaa D/n Naaroob Zawude
436 Views
"
Ano hin danda’uu sidha humni koo
Warri Sooriyaa midhaaf fiigani
Balleessuudhaafi Israa’elini
Booji’amanirruu harkaa Elsaatti
Jabaadha humni kee maal dadhabda ati (2x)
Fagoo dhaabbaatte xiyya darbattee
Naa balleessuudhaaf inni karoorfattee
Nan danda’uu egaa jirtaa cinnaa koo
Kattaa hin diigamnee si’ii manni koo (2x)
Daandii birattin fedhee filaannoo
Ormaan eggadhu gargarsaaf anoo
Ifa jireenya duungoo hin dhamnee
Ati kafanna koo kan narra hin dhumne (2x)
Gonkumaa hin jiru jabaan akka kee
Dadhabina koo humna maqaan kee
Ta’ee harkeerraa arraan galfadhaa
Daandii koo hundaatti an sin egaadha (2x)
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu