Galateeffamaadhaa hanfa bara baraattii
Hamma bara baraatti mootiidha innii(2)
Dhoksaan jireenyaa mul'anni gaarii
Isa harka jiraa furtuun dhugaanii
Hirkoo cimaadhaa amanannaa koo
Abbaan jaalalaa iyyesuus gooftaan koo(2)
Hojiisaa hundaaf hin komatamuu
Bulchiinsi kansaa hin geddaramuu
Jecha tokkittiin addunyaa bulchaa
Kan dhbamaniif abbaan qorichaa
Kan rakkataniif abbaan qorichaa
Kan isaa fakkaatuu laafaaf samiitti
Tasa hinargamnee hamma haraattii
Yeroo hundumaa dhiifamaan mul'ataa
Kaleessas turee darbees ni jiraataa(2)
Isa eeggatee eenyutu qana'ee
Quufeera eebba isaan inni beela'ee
Qoqqobbii hin beekuu guuteetu laataa
Bal'aadha harkisaa innoo kan gooftaa(2)