Maaltu Adda Na Baasaa
Yoseph Tena
May 8, 2025
1231 Views
"
Duutee najiraachifnaan Jaalallikee naaf gale
Kiristoos Arjummaa keef Dhugaan Siif Ba'a Malee
Isa Dagatame Guyyaa Eegee Sidha kan kaasu
Dhabuu moo Argachuu dha Waanti Adda sirraa nabaasu
Waaqa Haraaraati Goofta Amalli kee
Nabooji'e jaalalli kee
Teessokee Samirraa Gadbuutee Jaalalli harkisee
Hidhaa cubbuu keenyaa situu hiikee gad nulakkise
Ol nu kaastee nu dhabde Haararanii
Arjummaan ke Barumaani
Cubbuu ilmaan namaaf kuftee kaate fannoo baadhattee
Warra si Abaaruuf Eebbifte Dhiifama kadhatte
Foonii fi Dhiigasaa namootaaf kan hiruu
Jaalalli kana caalu hin jiru
Afaan Isa kamtuu dubbatee danda'a Oolmaa kee
Hin turre hin jiru hin dhufus jabaataan Akka kee
Gocha keetiif an maalan deebisa
Bara koottan si eebbisa