Cuuphame jira Gooftaan
Web Master
Feb 23, 2025
F/taa Koo'eel Shawaa
1480 Views
"
Cuuphame jira(2).......
... Waggaa soddomaffatti......
.... Laga yordaanositti...
.... Gooftaan cuuphameera.
..... Harka Yohaannisiitti..
.. Mataasaa gad qabuun...
... Walakkaa galaanatti ...
... Hundumaa kan uume...
... Harka Garbichasaatti.
. Lagni Yordannoosi.
. Teellaatti dheessite.
. Waaqummaan Kiristoos.
. Na danfisa jettee .
. Yooriif Daanoos turte .
. Cuuphaasaan tokkomte.
. Nuufis cuuphaa saatiin.
. Tokkummaan argamte.
. Gooftaan yoo cuuphamu.
. Iccitiin labsame.
. Sadummaaf tokkummaan .
. Hundaatti ibsame .
. Afuurri qulqulluun.
. Bu'e bifa Gugeen .
. Abbaaniis dubbate.
. Ilma koo jechuunii.
..Garbummaa balleessuuf...
.. Seexanni kan barreesse..
... Xalayaa barootaa ...
... Addaam mallateesse...
... Cuuphamuu isaatiin ...
.... Nurraa barbadeesse
.. Ijoollee saa hundaa...
... Bilisa nu baase.......