Iyyesuus Cuuphame
Web Master
Feb 23, 2025
F/taa Naatii (Akliiluu)
509 Views
"
Garbummaarraa bilisa baane
Hojiin Seexanaa - Bilisa Baane
Karaa dhiphinaa
Nurraa ka'eeraa
Gooftaan moo'eraa
Cuuphamu isaatiin nutis carroomnee
Galata waaqaa bilisa baanee
Yee cuuphame - Bilisa Baane
Gooftaa iyyesuusi
Tokko taasise
Yooriif Daanosi
Bara hedduudhaf addaan bahanii
Gooftaan cuuphamnaan tokko ta'anii
Gaarreen gammadan - Bilisa Baane
Tulluun utaalaan
Cuuphamu isaatiin
Samiim banaman
Sanyii Addaamiig ta'e Gammachuun
Nurraa darbeera baraan gubachuun
Galanni Yordaanos - Bilisa Baane
Sodaan baqatte
Fuula kiristoos
Hin laalu jettee
Yordaanos dhaaphuu hin baqatinii
Ba'aan kee in bu'aa Aangoo waaqanii
Boojiin hafeeraa - Bilisa baane
Kansaa taanerra
Cuuphaas cuuphamne
Kiristoos uffannee
Diini haa gubatu nuti kansaati
Nu bitateera jaalala isaatiin
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu