Yaa Mikaa’eel hangafa ergamootaa
Cubbuu keenyaan kufnee akkaa hin hafneef
Ati nuu gargaarii nu siwaammannee
Qomoo yaa’oqoob………………. Mikaa’el
Israa’eeliif “
Sii eegduun saanii “
Kan gargaaredhaa “
Jaalaala nuuf kennii nageenyaa
Yaa Mikaa’eelii Abbaakeenya
Wayyaan kee warqii ……………..Mikaa’el
Fuulii kee ifaa “
Aangoo qabeessaa “
Garaa laafessaa “
Jaalaala nuuf kennii nageenyaa
Yaa Mikaa’eelii Abbaakeenya
Fakkiikee duraa………………………Mikaa’el
An nan dhaabbadhaa …. “
Rakkoo koo hundaa …. “
Sittaan himadha……………. “
Jaalaala nuuf kennii nageenyaa
Yaa Mikaa’eelii Abbaakeenya
Na hin daagaatin jedhee ………….Mikaa’eel
Ani siin dagadhu………………………. “
Hangaafa ergamootaa……………. “
Qulqulluu Mikaa’eel “
Jaalaala nuuf kennii nageenyaa yaa mikaa`eel
abbaa keenyaa