Jaalalli kiristoos kan galeef
Web Master
Feb 25, 2025
F/taa Caalumaa Dandanaa
383 Views
"
Maariyaam sii jaallata (*2)
Haadha waaqa koo jedhee sii farfaatta
galataa kee maariyaam ni jilbeeffata
Ulfina keef maariyaam ni jilbeeffata
Uumaadhaan gaditti uumamaa olitti
Kabajanii kee adda maariyaam qulqulleettii
Yaa bultoo waaqayyoo yaa ayyaana qabeettii
Kabajanii kee addaa uumamaa irratti(*2)
Akka gabri'eelii ulfinaa kee himna
Oolmaa kee maariyaam akkamiin daganna
Ijoollee tewahidoo nuutoo sii jaallanna
Kabaja kee durbee addunyaaf labsina(*2)
Kirubeel suraafeel caala itti toltee
Bultoosa akka taatuf gooftaan sii filate
Qulqulloonnii hunduu maqaa kee waammatu
Yaa Haadha amaanu'el jechuun sii farfaattu (*2)
Bokkaan dummeessa ala kiristoos sii malee
Dhaloonni haa barruu hin jiru tasaa illee
Dubbiin fayyina sittin rawwate
Addunyaan boqonnaa jireenya argatte (*2)