Horaa bulaa deebana
Web Master
May 13, 2026
F/taa D/n Adaanee Asrat
583 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Misirrooni ulfinaa
Firii keessan ijaan argaa
Dachees guutaa dagaagaa
Sirna Mana waaqatiini
Fooniif dhiiga Gooftaani
Lamaan tokko taatani
Waloomtani jaalalani
Gannaaf bona lalisaa
Akka marga coqorsaa
Odaa dagaagaa ta'aa
Akka biftuutti anga'aa
Kana booda lamummani
Durayuu hafe qophummani
Rabbii guddaan eeyyamee
Cidhi keessan raawwatame
Fedha Waaqayyoo ta'ee
Yaadni keessaan milka'e
Kunoo ta'e gammachuuni
Eebbifamaan misirroonni
Umrii dheeraa jiraadha
Sanyii gaarii horadhaa
waliin sin haa bubbulchu
Dhuma keessan haa bareechu
Qaanaa galiila tti affeerame
Deessu Isaa wajjjin kan argame
Mana dookimaas ni eebbise
Dhiphina keessaa isa baase
Cidha keessan haa eebbisu
Kan Abrahaam saaraa haa taasisu
Guutuu haa ta'u godoon keessan
Sugni haa seenu dacha dachaan
Haa ta’u isiniif sinboo keessan
Gooftaan Iyyesuus bara baran (4)
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu