Misirroonni /3/ baga geessani

Fooniif dhiiga isaan. Misirroonni
Qulqullooftanii........
Jireenya dhumne.......
Kaadhimamtamii.......
Chaaphaa hin haaqamnen... Mallattooftanii.........

Gonfoo kabajaa.... Misirroonni
Har'a Uffattanii....
Milkiin golobuuf....
Deemsa keessanii....
Mana Waaqayyotti...
Eebbifamtanii.......

Qabsoo jireenya.....Misirroonni
Waliin darbuufi......
Qormaata dhufu....
Gidduu ce'uufi.....
Waadaa seentanii....
Tokko taatanii........

Horaa baay'adha.....Misirroonni
Hundaan dagaga.....
Umurii dheeraa........
Ga'aatii argaa.......
Waliif qabaadha......
Jaalala dhugaa.......