Tokko taatani misirroonni
Web Master
May 13, 2026
D/n Waggaariifi Buzee
281 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Fooniif dhiiga Gooftaan waloomtani
Iccitiin kun guddaadha kan samiidha
Gaa'ellii eebbifamaadha
Tokko yoo kufesii tokkot kaasaa
Akka hin dadhabneef wal jabeessaa
Namni qofaa ta'uun gaari mitii
Hewaan addaamiidhaaf barbaachisti
Manniifi qabeenyi dhaala maatii
Dubartiin hubbattuun Gooftaarraati
Kadhannaaf jaalalaan waljabeessaa
Mootummaa waaqayyoof wal qopheessa
Jaalalli keessanii dhuma hin qabu
Yeroo hundaa mo'aadha hin nuffamu
Akka abrihaamiif saaraa eebbifamaa
Firii jaallatamaa badhaafamaa
Fedha waaqayyootiin tokko ta'uun
Tasa hin danda'amu gargar ba'uun
Tokkodha sin lamaan kana boodaa
Kunoo argattanii gonfoo guddaa