Kan tokko sin godheef hallee luyaa jedhaa
Beresa Abebe
Jul 16, 2026
F.Dn Yohaannis Adaraa
926 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Misirroon lachuu misirroonii misirroon lachuu
maqaasaa faarfadhaa
Heyyama waaqayyoon kan tokko taatani
Maqaa waaqayyootiin baga gammadani
Jiruu keessan giddutti akka seeni diinni
Waaqayyoon kadhadha yeroo hunda lapheeni
Misirroonni
akka dookimaasi
Osoo dhiphatini
Dafii kottu jedhaa
Haadha keessaninii(2)
Baga gammadanii misirroon lameenii
Giddu keessan jira Iyyesuus Gooftaanii
Sagalee waaqatiin tokko taataniirtuu
Foon tokko ta'udhan nagaadhan jiraattu
Misirroonni
wanta dhiphatiniif
Maaramiidhaaf dhiisaa
Isheen nuuf kadhatti
Jedha dhugaa bahaa(2)
Cidha Abrahaamif saaraa isinif haa ta’u
Jireenyi keessaniis walumaan haa ta’u
Maqaa Waaqayyootin horaatii badhaadha
Kan kan raawwateef haallee luyaa jedhaa
Misirroonni
akka wali hin sobne
waaqayyoo yaadadhaa
akka hin rakkannee
maariyaam kadhadhaa
Tokko taatan maqaa Waaqayyoonii
Hin shakkinaa addaan hin baatanii
Hin laafinaa Amantiin jabaadhaa
Haadha waaqa maariyaam kadhadha
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu