Qaamni kee Qaama kootirraa
Foon kan kees foon kan kootirraa
Gooftaan siin anaaf qopheessee
Yaada koo Anaaf milkeesse /2

Foon kan koo foon kan keetirraa
Lafeen koos lafee keetirraa
Gooftaan siin anaaf qopheessee
Hawwiikoo Anaaf milkeesse /2/

Yaandi koo hundinuu ta’e
Xumurrii siin naaf milkaa'e
Daandiinkoo mijeffameera
Kadhaan koos dhagahameeera

Dhugaadha Addaam kennaakoo
Kanadha Hawwiif kadhaan koo
Waaqayyooni Marti sirratee
Hin Gadduu kan si Abdate

Gammanneerra Gammadaa sini
Kun ta'uusaa kan Hawwitani
Gammanneerra Gammadaa sini
Nu dhagaheera Waaqayyooni

Daabiloos Rukutameera
Fedhii koo Gooftaan Guuteera
Si'iidha naaf Gaa'ellikoo
Sirriidha si jaallachuun koo

Ta'eera ishoo ta'eera
Fedha koo kunoo argadheera
Yaadnikoo firii godhatee
Jiruun koo si waliin taate
Gammanneerra.....