Baga gammaddanni
Yoseph Tena
May 7, 2025
F/ttaa Dn Daagim Jootee
1644 Views
"
Missiroonni lameenni
Waaqayyoo eebbisuu gaa'ila keessani
Waaqayyoo qopheesee inni isin eebbise
Gaaffii keessan hunda isiiniif deebisee
Sichii lamaa miti isiin qaama tokkoo
Abjuun keessan kunoo argatteera milkoo
Addaam qofaa taa'uun gaarii miti isaaf
Jedheetu dubbate gargaartu kenneef
Isheenis jaallatee eebba roobsee akka baay'ataniif
Balbala isaa gaarii kan ogummaa banu
Uumman uumamtoota kan hunda hoogganuu
Cidha dookimasii akka eebbise baraa
Bultii keessan tolchee isin eebbiseera
Kan Waaqni jaallatee yeroo isaati ta'ee
Hojiin gaarummaa isaas kunoo ifa ba'ee
Inaaffaan haa badu dubbiin jallinaasi
Tokkoo isiin godheera dhiigni Iyyeesuusi
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu