Tokko taatanii misirroonnii
Fooniif dhiiga gooftan waloomtanii
Iccittin kun guddaadha kan Samiidha
Gaa’illi Eebbifamaadha

Tokko yoo kufes tokko kaasa
Akka hin dadhabne jabeessa
Namni qofa ta'un gaarii miti
Hewwan Addamidhaaf barbaachisti

Manni fi qabeenyi dhaala maatii
Dubartiin hubattu gooftaarraati
Kadhannaaf jaalalan wal jabeessan
Mootummaa Waaqayyoof wal qopheessan

Jaalalli keessanii dhuma hin qabu
Yeroo hunda hoo'dha hin nuffamu
Akka Abrahaamiif Saaraa Eebbifamaa
Firii jaallatamaa badhafamaa

Fedha Waaqayyootiin tokko ta'uun
Tasa hin danda’amu gar-gar ba'uun
Tokkodha sin lamaan kan booda
Kunoo argatanii gonfoo guddaa