Maqaakee waamee yooman salfadhee
Maariyaam jedhee yooman gufadhee
Kanan itti obsu maqaa keetidha
Ya durbee an galatan siif laadha

Dukkana lixee biyya ormatti
Dhiitamen ture baraa baratti
Daabilos boojin na gidirsiisee
Fayyisaa Addunyaa ati naaf deesse
Dhaala abba kootii biyyakoo dhiisee
Biyya ormoota keessatti of dhokse
Ati dhaqabdee na jabeessitee
Kophummaa kankoo na dagachiiste

Dunkaanni guute namni waamame
Keessummeessaanis hedduu yaadda'ee
Maalan dhiyeessa jedhee yoon gaddu
Araarsummaa keen naaf ta'ee hunduu
Innin an yaade duumessa ta'ee
Akka qilleensa nat bittinaa'e
Innin an yaade ta'uyyuu baatu
Haadha waaqayyon an abdii kutu

Abbaaf haatikoo na irraanfatanis
Biyyi lafaa kun dhibdee na gattus
Yoon si qabaadhe an maalan ta'a
Qilleensa hamaa garbas nan ce'a
Dinnikoo dhufee na dadarbusi
Rakkoo baayyise na dhiphisusi
Addaan hin kutuu ana galatakee
Narra jirahoo durbee oolmaan kee

Na rakkisanis warri hamoonnii
Sijaalachuuko nan dhiisisani
Hamoota keessat maqaakeen waama
Hirkoo naaf ta'i siif danda'ama