Latiin jirmaa qabaa kan irraa dhalatee
Jirmiis ni jiraataa hundee jabeeffatee
Latiin bara kana hadhaa isaa ganeeraa
Hadhaa Waaqa ummaa baay'een dagateeraa

Qomoon hadhaa hin beekne ilma akkamin beekaa
Dogoggoorsuuf dhufee ilaalati beekaa
Waaqayyoo jaalalaa isheen hadhaa jaalalaa
Ijii koo yeroo hundaa gara ishee ilaalaa

Waaqayyoo jaalalaa isheen hadhaa jaalalaa
Ijii koo yeroo hundaa gara ishee ilaalaa

Kabajnii kan ta'uuf nutii ni kabajnaa
Hadhaa Iyyeesuusini akkamin salphisnaa
Dubaroota keessa isheen addaa taatee
Fayyisaa addunyaa garaa isheetti baatee

Dubaroota keessa isheen addaa taatee
Fayyisaa addunyaa garaa isheetti baatee

Gabri'eel ergamaan ergamoota keessaa
Misirachoo fidee gammaaddi ilma deessaa
Cubbuun karaa Hewwaan gara keenyaa dhufee
Dubroo Maariyamiin kuno nuraa kufee

Cubbuun karaa Hewwaan gara keenyaa dhufee
Dubroo Maariyamiin kuno nuraa kufee

Kennaa fannoo jala kan guyyaa jimaata
Karaa Yoohanisiin at nuuf kennamtettaa
Nufiis hadhaa keenya hadhaa bara baraa
Ilmaa kee nuuf kadhuu yeroo hundaa ararraa

Nufiis hadhaa keenya hadhaa bara baraa
Ilmaa kee nuuf kadhuu yeroo hundaa ararraa