Arseemaa
Web Master
Feb 23, 2025
F/taa Koo'eel (Geetahun Shawaa)
1639 Views
"
Arseemaa qulqulleetti Arseemaa
Si waamannaa yeroo hundumaa(2)
Arseemaa Dargagummaa keen
"" "" filattee Dhiphinaa
"" "" Dhugaa bahuudhaan
"" "" fudhattee rakkinaa
"" "" Si gannee Gooftaanis
"" "" siif ta'ee gaachanaa
Arseemaa Dhalattu Roomaadha
"" "" kan Baatee biyyaa
"" "" Amantaa keetif
"" "" Deemte Armaaniyaa
"" "" uffatte moo’annaa
"" "" akkuma wayyaa
Arseemaa mootota biyya lafaa
"" "" hundaasan moo’attee
"" "" Amantaa Dhugaadhaf
"" "" Foonin wareegamtee
"" "" Afuura qulqulluun
"" "" waadaa kan argattee
Arseemaa kakuun qabdu addaa
"" "" gophaa qajeelchiitaa
"" "" bishaan maqaa keeti
"" "" Fayyinaa namaaf laata
"" "" Dhaloonnii Eebbifamoo
"" "" kanaaf si waammataa
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu