Dhugaa amantii keef jecha wareegamtee,
Badii tokko malee baaburaan daakamtee,
Gonfoo samii torban jabinaan argattee,
Giyoorgis si waamnaa, kan anaaf dhaabbatte.

Jaalalle koo jedhee, Gooftaan si waameraa,
Awwaalicha keessaa kaasee si dhaaberaa.
Surraa ergamoota, Waaqatu si badhaase,
Tolaaf amanamaa jedhee si maggaase. (2)

Sadi duutee kaatee, amantiin kee addaa,
Ijoolleen Waaqayyoo hundatu si jaallataa.
Diraagoon waraantee, aangoo keen kuffiiste,
Biruktaawitinis nyaatamuu oolchitee. (2)

Waaqayyoo jaalalta, kan maqaa kee waamuu,
Balaaf rakkoo hamaan, isaan hin qaqqabuu.
Ifaan samii irraa, si golboobee jiraa,
Nuuf koottu Giyoorgis, si waammannaa adaraa. (2)

Baabura buusanii, foon kee kan daakanii,
Irras irrattisi, kan si firfirsanii.
Sinboo siif baay'isee, Gooftatu si kaase,
Dhibantaa koo jedhe, maqaa si moggaase. (2)