Nan yaadadha hin dagadhu
Garaa kamiin irraanfadhu
Jaalala keef umuriin koo
Aarsa ta'uu imimmaan koo (2)

Biyya keessummummaa dhufte
Seerri kan keef aarsa taate
Jaalala keef kiyyeeffame
Ani ba'u sit na waame

Seeliihoomi kan ergame
Fayyina koof kan waamame
Harki kufnaan ol na kaase
Imimmaan dhiigaa mirgisee

Dhahannaan koo oolmaasaafi
Imimmaan koo galataafi
Qaaruun kan koo yoo cufamte
Dura kootti mallateeffamte

Har'a argee hubadheera
Harki isaa naaf araaraa
Gaarri kan dirree ta'e
Situ dursee anaf ga'e