Ni cuuphamee Iyyaasuus Yoohaanisiin Yordaanosittii (x2)
Arganneerraa bilisummaa kan nuuf kenne ilma Waaqayyootii (x2)

Samiirra gad bu’ee Yordaanosittii
Harka yohaanisiin
Yoordannoos keessatti
Ni cuuphamee gooftaan
Garbicha seexanaa
Garbittii ta’uunii
Iyyasuusin hafee
Humna waaqayyoonii

Gammoojjitii dhufee Yordaanositti
Yohaannis lallabee
Qalbii jijjiiradhaa
Afuuran jiraadhaa
Karaa kan sirreesseef
Ilma waaqyyoofii
Inni anarra caaluu
Sin cuupha Afuuraani

Lammata dhalannee Yordanosittii
Bishaanif afuuran
Deebinee jiraachuuf
Laphee amantaadhan
Sanyiin Addaam hunduu
Bilisummaa qabnaa
Fayyina argannee
Addunyaaf lallabnaa

Mootummaan Waaqayyoo Yordaanosittii
Nutti dhiyaateeraa
Qulqulluu Yohaannis
Jedhee barsiiseeraa
Amantaan Gooftaanis
Cuuphanis tokkichaa
Isatti jabaadhaa
Amantaattis cimaa

**************************

Ijjoolleen waloomaa Yordaanosittii
Takkaa amanneerraa
Baruumsa keesummaa
Nut achi ganneerraa
Nuuf galeetu malee
Jaalallii Gooftichaa
Callisnee hin deemmnu
Beeknetu barichaa


Ilmi Abbaa eebifamaa Yordaanosittii
Dhiifama kan laatu
Akka malketseediq
Luba barabaraa
Dhiifama nuuf godhi
Jedhiitii na cuuphii
Gooftaan ni dubbatee
Yohaanis cuuphattii