Araarrikee baayeedha dhiifamnikee daangaa hin qabu(2)
Harka keerratti kufuu nuuf wayya ya gooftaa
Simalee kan nuuf ta'uu hin jiru(2)

Laphee siif mijate dhabuu keenyaani
Rakkoon nutti hammaate dhibee nut uumneeni
Dheebonne dhiifama kee dammaqnee irribaa
Maaraanaataa Iyyesuus siqofaatu jabaa
●●●ciniinsuun jalqabaa addunyaa sochoosee
●●●yaaddoon abdii hubee sammuu rifachiise

Bowwaa qilee hamaa gadi fagoo ta'ee
Si jalaati hindhoksu dukkanni danda'e
Qorichi argamee sii alatti hin jiru
Barruukee qofadha addunyaa kan furu

Guyyaan inni hin tolle dhufuusaatiini
Sirraa adda hin baanu du'aan wareeruuni
Qilleensa hamaa ta'ee situ qulqulleessa
Ajjeesaan keenya sun nun argatu tasa

Filanno hin qabnu humna siin alatti
Sitti boonya gooftaa kufnee siduratti
Fayyisaa addunyaa uumaa lafaaf samii
Akka Arjummaa ketti atnutti araaramii