Mogoleen Koo Iyyeesuus Si'in Naaf Jabaatee
Dadhabii keen, namummaan koo humnaa godhattee,
Maqaa keen jiraate.

Fuuncaa koo naraa hiiktee
Karaarraa na busteettaa,
Si'in akkan jiraadhuf waan kee na gotteetta,
Maalan jedharree abbaa dhabeewoo waan dubbaadhu,
Galataa narraa qaba, isaaf ofii hin qusaadhu.

Sit na mararsiffattee
Dabbaa koo naaf qajeelche,
Sagalee afaan kootti hadhaa'ee naaf mi'eesse,
Kanaafa sinsinii hin qabu dhugaasaan si jaalladha,
Hin dahaatuu onneen koo, si ilaaleen jabaadha.

Yeroon qabaata dhabee
Ta'ee imimmaan lolasuu,
Hin arganneem abbaa koo, nama lafa na kaassuu,
Utuun ati nan falmannee, sila badee hafeerraa,
Ati gara koo mil'annaan caba koo san oleerraa.

Obborroofi dhihaa koottis na bira hin hafnee
Takkaa ato isa kaleessaadha, har'a mafaan si shakkaa,
Dugdaa koo garagalchee, si dhisee hin deemu baqa,
Ati waaqa bara baraa, si keenna murtii haqaa.