Ofumaa mitii nu waamun kee
Yoseph Tena
May 9, 2025
1614 Views
"
Samii samiirraa gad bu'uun kee
Bilisa nu baasera humni kee
Nurra golboobeeraa ayyaanni kee
Iddoosaa gaarii qopheessitee Ofumaa mitii nu waamun kee
Wanta nuuf ta'uu murteessitee “”
Booddee hin deebinuu murtoofneerraa “”
Arjaa ta'uu kee hubanneerraa “”
Adeemsa keenya nuuf sirreessii
Galaana cubbuu nu ceesisii
Simalee kan nuuf ta'uu hin jiruu
Abbaan akka kee tasa hin jiruu
Furmaanni keenya wallaalamee Ofumaa mitii nu waamun kee
Nama birattis tuffatamnee “”
Galmeen keenya siin haareeffamee “”
Missiraachoon keenyas lallabamee “”
Iddoo at nu waamte hin irraanfannuu Ofumaa mitii nu waamun kee
Maqaa kee waamus hin dagannuu “”
Mucummaatti nu guddifattee “”
Bakka hormaattis nu waamatee