Jaalalli isa moo'ee
Addunyaa fayyisuuf dhiigni isaa lola’e

Wayyoo foon nama uffatee dadhabaa fakkaate
Waaqni uumaan keenya tola nu jaalate
Gidiraa biyya lafaa hunda isaa simate
Lixoosxiraa kaase goligootaa qubate

Wayyoo
Nu fayyisuuf jecha nuuf obseera Gooftaan
Seexana Salphisee Hojii Waaqummaasaan
Maaloo nuuf jedheetu beela’ee dheebote
Badii hunda keenyaaf fannoo guddaa baate

Wayyoo...
Fuula Museen hawwe jibbaan kabalani
Hunda kan mi'eesssu hadhooftuu obsani
Urjiileen harca’uun aduun dukkanoofte
Qomoo Yihudootaa Hundaa ni salphiste

Wayyoo...
Kan jaalalli moo'ee fide gara keenyaa
Cubbuu keenya baatee kan nuuf ta'e beenyaa
Qabanii fannisan hattoota gidduutti
Yakka osoo hin qabatin akka yakkamaatti

Wayyoo...
Du'a ilmaan namaa ofitti fudhachuun
Gidiraa Keenya hundaa fannoorratti baachun
Cinaacha isaa mirgaa eeboon waraaname
Addunyaa fayyisuuf du'ee awwaalame
==•|•==
Faaruu Gaabbii

👇👇follow
╔═════════════╗
♨️ ⚪️ @OrtoOroKoon  ♨️
╚═════════════╝+
@Faarfataa