Dhalootaaf kan ta'u masiin argaeera
Web Master
Apr 4, 2026
F/taa D/n Beekamaa Goobanaa
667 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Dugda harreerra taa'ee kiristoos dhufeera
Hoosaa'ina Jenna samiif lafarrattii
Gammachuutu ta'ee Iyerusaalemittii
Daa'imman xixiqqoon meexxii qabatanii
Hoosa'ina jedhanii kiristoos faarsanii
Maqaa waaqayyootiin kan dhufu eebbifama
Dhalootaaf labsamee baraan weeddifamaa
Afaan keenyaa burqe faaruun maqaa isaafi
Samiirraa hanga lafaa mootiidha hundumaafi
Hin barbaannu tasa burqaa biraa deemnee
Taliila qulqulluu barruusaarraa dhugnee
Beektoonni yoo dhiisaan maqaasa jajachuu
Dhagaan bitaaniyaa galata isaaf galchu
Afaan daa'immaanin inni faarfatamee
Fayyisaa addunyati gooftaa jaallatamee
Maqaa waaqayyootiin kan dhufu hundumti
Galateeffamaadha baraa hanga baraatti
Dhugaaf dhugaa baane dhalootaaf kan ce'u
Bulchiinsi kiristoos baraan hin daangaa'uu