Nagaan kee har'adha Iyyerusaalemi
Gara kee dhufeera waaqni bara baraa
waaqni bara baraa

Hoosa'inaa Aariyamitti jedhani faarsani
Ijoollonni Iyyerusaalemitti

Ati Beeteliheemi magaalaa Daawwiti
Ifni uummata kee siif dhufe ulfinani
siif dhufe ulfinani

Hoosa'inaa jechaa galateessani
Yerusaalemitti jaarsoliif Ijoollonni
jaarsoliif Ijoollonni

Kirubeel teessoo-saa kan isaan baatani
Fannoo baachuun nuuf ta'e fayyinni
nuuf ta'e fayyinni

Dhukkubbii Iyyesuus durboonni argani
Deeman Boo'ati isa hordofanii
isa hordofanii



Play on Telegram