Giiftii Keenya araarsummaa keen
Web Master
Jul 8, 2026
F.Dn Tafarraa Baqqalaa
426 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Dubroo Maariyaam /Araarsummaa keen/ *2
Fayyisaa Addunyaa Raajii Hojjete bishaan Qaanaatiin *2
Raajii Waaqayyootif.... Bishaan Qaanaatiin
Carroomuun Filamte
Qaanaa Za Galiilaan
Kan jalqabaa taate
Qaanaa Taasisuuf kan jalqabaa raajii Hojjete
Kabajni Dubroof Araarsummaan ishees mullate
Beektee Waan jetteniif... B.Qaanaatiin
Waynii Hin Qabanii
Bishaan Wayni yo ta'u
Hunduu ilaalani
Qaanaa Taasisuuf kan jalqabaa raajii Hojjete
Kabajni Dubroof Araarsummaan ishees mullate
Keessummeessitoonni.... B.Qaanaatiin
Yaaddoon isaan raase
Ilmi Dubroo maaryaam
Dhiphinaa isaan baase
Qaanaa Taasisuuf kan jalqabaa raajii Hojjete
Kabajni Dubroof Araarsummaan ishees mullate
Nutis ni Amanna.... B.Qaanaatiin
Jechasheen dubbattu
Waadaasheef Galameen
Hundi akka sirratu
Qaanaa Taasisuuf kan jalqabaa raajii Hojjete
Kabajni Dubroof Araarsummaan ishees mullate
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu