KENNAA GUYYAA JIMAATAA
Yoseph Tena
May 6, 2025
F/taa Dn Fayyisaa Asiraat
477 Views
"
Maariyaam badhasaa goftaa
Garaaf akkaam si ganaa
Durbee hadhaa ulfinaa
Ilmii kee fannorrattii
Nan jedhee kun harmee keeti
Fudhadhee anis kennaa koo
Maariyaam hadhaa umaa koo
Anii ilmashee isheenis Hadhaa koo
Hin dagadhuu hin ganu ayyoo koo×2
Waaqayyoon filaatamtee
Ayyaanaan kan gutamtee
Dubaraa kessaa addaa tatee
Maariyaam kaan ebbifamtee
Hin dhokfamuu dhugaan macafarraa
Haati goftaa ni caalti hundarraa×2
Goftaanoo si waajjinii
Yaa durbee hin sodaatinii
Sin jedhee ergamaan goftaa
Ni dessaa mooti moototaa
Ani ilmashee isheenis hadhaa koo
Hin dagadhuu hin ganu ayyo koo×2
Dhabattee mirgaa goftaa
Adunyaaf ni kadhaattaa
Urgoftuu foolii nardoosii
Maariyaam hadhaa iyyasusii
Hin dhokfamuu dhugaan macafarraa
Haati goftaa ni caalti hundarraa
Haati iyyasuus ni caalti hundarraa