Taabori Harmooniyaatti
Iyyesuus tulluu gubbaatti
Eeliyaas Musee samiitii
Musee ni kaase du'aatii(2)

Dacheen ejjeta milli isaati
Samiinis teessoo ulfina isaati
Hundumaa gochuu utuu danda’u
Dhufe dhalate galanni haa ta'u (2)

Kakuu saa eege inni mul'ate
Maariyaam durbeerra fooniin dhalate
Tulluu Taaboritti ifaan golgame
Waaqumma isaatiin itti argame(2)

Qaqawwisaanii lafti raafame
Ulfina isaatiif tulluun ni rome
Dumeessis dhufee dachee uwwise
Gooftummaa isaa itti mul’ise (2)

Warra achi turan bartoota keessaa
Taate mul'ate argan hunda isaa
Musee fi Eeliyaas ijaan arganii
Waan jedhan dhaban gammachuudhani(2)

Arjummaa isaatiin nutti haa mul'atu
Waaqummaa isaatiin hunda kan bitu
Nagaaf Jaalala hundaaf haa laatu
Mootummaa satti nu haa yaadatu(2)