Taaboritti ulfina guddaan Gooftaan mul'ate
Beresa Abebe
Aug 14, 2026
F/taa D/n Jaalal Nagaasaa
61 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Museen ni du'e du'aa kaafame
Raajichi Eeliyaas samii ergame
Yaa’iqoob Pheexiros bartoota keessaa
Yohaannis wajjin argan humnasaa
Qaqawweessani dacheen raafamte
Humna waaqummaa irra buufate
Surraa Goofticha hunduu uffate
Akka biiftuudhaa ifee mul'ate
Pheexiros gammachuun Gooftaa kadhate
As jiraachuuni nuuf ta'a jedhee
Museef Eeliyaas ta'u hubatee
Wajjin jiraachuuf Gooftaa gaafate
Duumessa keessaan sagaleen dhufe
Kunoo ilmi koo innin jaalladhe
Jedhee dubbate Abbaan samiirraa
Nutis waan gaarii dhageenyee jirra
Guca qabannee kottaa in simanna
Taabor irratti baane jajanna
Hojiinsaa adda du'aa kan kaase
Warra jira wajjin tokko taasise
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu