Tokko si'iifi tokkomoo Museefi×2
Eliyaasifis tokko nan ijaara bultoo kee×2

Armoon ni gammadee uumaisaa arguuni
Taaboor ni golgamee ifa guddadhani
Isaan ni ililchaan ulfina Maqaa isaaf
Gaamachuun faarfataan goofta guddadhaf

Pheexiroos Yoohaanisiif Yaa'iqoobinii
Gooftaan fuudhee deeme gara taaborinii
Ifni ulfinaa isaa isaaniif mul'ate
Calaqisee ifee akka urjii addate

Bartoota isatti hurri itti uwwisee
Haalli yeroo sana baay'ee isaan naasise
Ilmikoo innin jaaldhu isakanaadha
Duumesichaa keessa sagaleen Abbadha

Hurrin erga ifee ofbira ilaalanii
Kiristoos biraatii namoota dhabanii
Wa'een isaa raajiidha maal himamee dhuma
Galata galchuufit nu irra eggama