Tulluu Taabor tti Ifasaa mullise
Addunyaa hundumaaf Waaqummaasaa ibse

Waaqni keenya
Mootiin moototaa
Karaan jireenyaa
Gooftaan Gooftotaa
Tulluu Taaboritti
Yeroo mullatee
Tulluun Taabori
Ifaan guutamte

Gooftaa Keenyaa
Waaqa Keenyaa
Yoo at jaalattee
Yoo nuuf heyyamte
As jiraachuuni
Nuyiif ba’eessa
Si wajjin ta’uun
Nu gammachiisa

Akka jiraannuuf
Si wajjin taanee
Mana haa ijaarru
Tokko si'ifi
Eeliyaasifis
Tokko museefis
At nuuf heyyami
Ilma Maariyaami

Uumaan jiraattota
Kan du'ootasi
Kan jiraachisuu
Inni ajjeesuus
Isa qofadha
Iyyesuus Kiristoos
Waaqa Eeliyaas
Uumaa museedha

Isan itti gammadu
Kanan jaaladhu
Isa dhagahaa
Isaan jiraadha
Abbaan dhugaa bahee
Samii gubbaatii
Sagalees erge
Kun mucaa kooti

Tokkummaaf sadummaa
Sirratt mullatee
Tulluun Taabori
Akkam carroomte
Ifni addunyaa
Sirratti mullate
Addunyaan hundi
Ifa argate

Waggaadhan nu gahi ilma Maariyaamii/2/
Eegde biyya keenya
Nagaadhani... Nu gahi
Eegde hunda keenya
Banee hafuu irraa
Balaa hamaa irraa
Eegitoo nu gahi
Yaa ilma Maaramii

Bara dhufus geenye
Jaalalaan wal taane
Mana keet argamne
Akka si faarfannu
Gaabbiin qulqulloofne
Mootummaa kee dhaalu

Kiristaanonni hundi
Cimnee amantiini
Kadhannaadhan cimne
Jaalalaan dhaabannee
Inni nu haa gargaaru
Isa wajjin jiraachuuf
Nu gahi/3/ nagaadhani