Tullun isaa filame taaboritti
Beresa Abebe
Aug 14, 2026
F/taa D/n Mogos Asmaree
55 Views
Listen to Audio
Premium Quality
"
Tulluun taabor ifa uffate waaqumaan gooftaa mul'ate ×2
Akka biiftuudha.......hoo
Fullii isaa ife
Uffanaan gooftaa
Nii calaqqisee
Muuseef Eliyaas
Yoo dubbatani
Taaboor guutame
Ifa guddanii
Armooniyem Taaboor
Gooftaan gammada
Ulfina isaatiif
Ilellee fidaan
Faarfaadhu Taaboor
Tulluu filamte
Uumaa baatterta
Atoo carroomte
Eliyaas dhufe
Bakka jirurra
Museen argame
Sifaana jira
Godoo ijaarrane
As jiraannu
Goofta gaaridha
Sirra adda baanu
Abban samiirra
Jecha dubbate
Icitii dinqii
Ifaan mul'ate
Isaat natti tola
Ilmikoo kana
Isa dhagahaa
Isatti amanaa
Yaiqoop yohaannis
Atis pheexiroosi
Kan isin file
Gooftaa Iyyasuusi
Humna isaa argitan
Taaborirratti
Icitii kana
Baatan addatti
Waggadhaan nugahi yaa waaq nudhagahii×2
Waggadha waggatti Nudabarsi
Yaa goofta...N.D
Nagaaf jaalalani
Tokkumaa nuufkenni
Hamarra nu eegi
Diinarra nugolgi
Bara hamaa kana
Oduu wal waraana
Nagaan nuceesisi
Eebbaf nutaasiisi
Wagaadha waggatti
Faarsaa guutuu argachuuf?
Faarsaa kana fi barumsa biraa hedduu sagaleen (audio) argachuuf appii keenya buufadhaa.
Appii Keenya Buufadhu